SAGALEE EKERAA BARATTOTA OROMOOO
Kumalaa Addunyaa irraa
Aayyootu roorrifame
Aabbootu dararame
Ofi taanee dhalanne
Ofi ta'uun yakkamne
Kabajaa namoomaa
Mirgoota uumamaa
Jireenyaan mulqamne
Jiruun awwaalamne
Ajjeechaan daangaa
tare
Amma yoomi obsinaree?
JENNEE__JENNEE
Qalamaan katabnee
Kitaaba qabannee
Gaaffii mirgaa
gaafanne
Oromoon maa sarbamaa?
Mirga abbaa biyyummaa
Cubbuun maaliif
yakkamaa?
Shiraan maa
ajjeefamaa?
Labsii qonnaa
sirreessaa
Kun oromoo iyyoomsaa
Kan barnootaas
sireessa
Wallaalatti nu
geessaa
(Safaraa fi qubsiisaa)
Shira qaba of keessa
akkum dargii kaleessa
Oromoo godaansisaa
Jennee --Jennee
Gaaffii mirgaa
gaafanne
Deebii arganna
seenee
Garuu----garuu....
Deebiin rasaasa
taate
Lubbuu keenya
gaagate
Lafeen cubbuun
nucabe
Dhiign cubbuun
nucophe
Lola'ee lafa
gube
Imimmaan aayyoo
roobe
Lubbuun
karaatti nu hafe
Rasaasa diinaan
kufee
Mirga sabaaf
ol-kaanee
Lubbuu keenya
arjoomne
Jireenya hin
mararfanne
Bilisummaaf of
laanne
OROMOO___OROMOO--OROMOO
Lafee keenyaan adaraa
Bilisummaa ijaaraa
Dhiiga keenyaan
barreessa
Bilisummaa galmeessaa
Booree keenya isin
baasaa
Imimmaan aayyoo
qoorsaa!!!!!
Imimmaan ayyoo
qoorsaa!!!!!!
Artist kumalaa
addunyaa
29 -4-2002
Sagale
ekeraa ---- (kuta lammaffaa)
|