SAGALEE EKERAA BARATTOTA OROMOOO
Kuta lammaffa fi isa dhumaa [Kuta
1ffaa as jira]
Jedhee sinitti dhaammata
Ekeraan
barattootaa
Adaraa siniin
jenne
Akka lafatti
hin ganne
Dhangala'ee
hafaree???
dhigni keenya
akka saree
Ilmi isaa
diinaan kufaa
Abbaan galee
rafaaree???????
Booree ijoollee
isaa nyaatee
Lammiin koo
callisaaree??????
Jedhee sinitti
dhaammata
Ekeraan
barattootaa
Maarree----maarree
eenyuutu booree
nyaata
Kamtu booree
baadhata????
Eenyutu booreen
hafa??
Kamtu
kuffisee kufaa?
Eenyutu
boorree baasa
Kaayyoo
keena dhugoomsa
Immimmaan
aayyoo qoorsa
AMMOO___GARUU
Fedhii
aangootiif jecha
Ol-aantummaa
barbaacha
Ofittummaan of
jaamsee
Kan qabsoo
gufachiise
Alagaa
jala goree
Kan
oromoo gurgure
Saba isaa
ajjeesee
Kan
alagaaf shubbise
Sabaisaa
irraa dheessee
Kan
alagaadhaaf tumse
alagaaf
eegee raasee
Kan haqa
oromoo dabse
Kutaadhaan gagar hiree
Kan
lammii Walitti dire
Oduu
dharaa tamsaasee
Kan
oromoo addaan baase
FARRAA____FARRAA
Inni
oromoof farraaa
Akkas
jedhee abaara
Ekeraan
barattoota
DHiigni
sb-boontotaa
Imimmaan
haadha dhiiraa
Cituu
didee wal irraa
Fuula
aayyoo coollessee
Gad-roobee dachii jiise
Galaana
gannaa ta'ee
Marsee
sitti naanna'ee
Guutee
siyaa liqimsu
NYaatee
siyaa dhabamsiisu
Ekeraan
goota dhumee
Lubbuun
haqaaf dhabame
Dhiigni
goota lola'ee
Lafeen
goota boba'ee
Sitti
iyyee si naasisee
Sitti
huursee si wareersee
Namummaa
irraa siyaabaasu
Jiruudhaan si haa joorsu
Raata'ii
Joortuu ta'i
Namummaa keessa ba'i
Artist kumalaa
addunyaa
07 -05-2002
|